Waldaan Duuka Bu’ootaa Mana Kiristaanaa Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaatti Naannoo Oromiyaatti waldaa afuurawaa tajaajila Afaan Oromoon deeggaruuf hundeeffamee fi eeyyama qabu dha.
Kiristaanotni naannoo Oromiyaa amantaa Ortodooksii Tawaahidoo hordofan Afaan Oromoon waa'ee amantaa isaanii baranii karaa Waaqayyoorra akka deddeebi'an barsiisuu dha.
Amantootni afaan kan biraa hin beekne Afaan Oromoon akka tajaajila argataniif yaa'iiwwan adda addaa qopheessuu, kitaabota gara Afaan Oromootti hiikuu fi imalawwan gara kawaalotaatti qopheessuudha.
Mul'atni Waldaa Duuka Bu'ootaa dhalli namaa kamiyyuu afaan dhagahuun sagalee Waaqayyoo baree ajaja Waaqayyoofis abboomamee yommuu karaa Waaqayyoorra deddebi'an arguudha.
Waldaan Duuka Bu’ootaa Onkoloolessa 14, 2004 A.L.I. tti miseensota torbaan kan hundeeffame yommuu ta’u; yeroo sanatti tajaajilli mana amantaa naannoo Oromiyaatti keessattuu Afaan Oromoon tajaajilli kennamu baay’ee gadi bu’aa waan turee fi sababa kanaanis amantootni baay’een waa’ee amantaa isaanii waan hin beekneef gara amantaa biraatti akka baqatan taasiseera.
Yeroo sana waldaan kun karaa Feesbuukii maqaa “Waldaa Nahiimiyaa” jechuun of moggaasee miseensota biyya keessaa fi biyya alaa baay’ee kan horate yommuu ta’u; yeroo ammaa kana tajaajilli isaa babal’achuun hojiiwwan afuuraa baay’ee fi bal’aa ta’e taasisaa jira. Tajaajila waldaa keenya raawwatuunis amantootni baay’een naannoo Oromiyaatti magaalaa hanga baadiyaatti Afaan Oromoon akka waa’ee amantaa isaanii akka baratan ta’eera. Kitaabotni baay’een hiikamaniiru; baay’eenis hiikamaa jiru.