Iccitii Sadummaa
Iccitiin sadummaa jechuun Waaqayyo tokkodhas sadiidhas jechuu yommuu ta’u Abbaa Ilma Afuura Qulqulluun amaluumaan fi aangoo Waaqummaan tokko yommuu ta’an maqaa, qaamaa fi hojiitiin immoo sadiidha.

Miseensotni waldaa kana jalatti walitti qabaman amantoota Mana Kiristaanaa Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaa yommuu ta’an, doogmaa, qannoonaa fi duudhaa manni kiristaanaa itti amantutti ni amanna.
Iccitiin sadummaa jechuun Waaqayyo tokkodhas sadiidhas jechuu yommuu ta’u Abbaa Ilma Afuura Qulqulluun amaluumaan fi aangoo Waaqummaan tokko yommuu ta’an maqaa, qaamaa fi hojiitiin immoo sadiidha.
Waaqayyo Ilmi dhala namaa fayyisuuf foon namaa akka uffatee fi biyya lafaa kanarras deddeebi’ee barsiisaa ture. Boodarras dhala namaa fayyisuuf fannoorratti fannifamee du’ee du’a moo’ee ka’uunis dhala namaa birmaduu baase. Inni egaa namadhas Waaqadhas.
Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos cuuphaatiin mucummaa Waaqayyoo akka argannu fi dhaaltuu mootummaa isaa akka taanuuf cuuphamee fakkeenya nuuf ta’uun nu barsiise. Kirsitaanotnis mucummaa Waaqayyoo argachuuf yommuu amanan nu cuuphamu.
“Foon koo kan nyaatu dhiiga koos kan dhugu jireenya bara baraa qaba” Yoh 6:54
Kanaafuu, nuti kiristaanotni foonii fi dhiiga gooftaa nyaachuu fi dhuguun mootummaa Waaqayyoo akka gallu ni amanna.
Akkuma gooftaan Iyyasuus du’a moo’ee ka’e dhala namaa hundas gabrummaa du’aa jalaa bilisa baase, nutis gaafa inni lammata firdiif dhufu du’aa ni kaana isa wajjinis gara mootummaa isaatti fudhatamna. Du’a boodas jireenyi bara baraa akka jiru ni amanna.
“Namni isin simatu, ana simachuu isaati; namni ana simatus isa ana erge simachuu isaati.” Maat 10:40-42
Qulqullootni warra Waaqayyo qulqulleesse, kabaje fi adda isaan baase dha. Isaan kun qulqullummaan isaanii Waaqayyo irraati malee kan isaanii miti. Isaanis hojii isaaniitiin Waaqayyoon waan gammachiisaniif, abboommii isaas waan eeganiif Waaqayyo isaan qulqulleesseera isaan kabajeera. Dhumarrattis hojii gaarii isaan hojjetaniif nuti akka sababa isaaniif akka fayyinuuf waadaa ykn kakuu isaaniif kakateera. Egaa nuti kirsitaanotni kakuu inni qulqullootaaf galeen akka fayyinu waadaa isaaniinis akka nu araarsan, Waaqayyos waadaa isaanii yaadee akka nu fayyisu ni amanna.
Deessuu Gooftaa Keenya Iyyasuus Kiristoos
Hangafa Ergamoota Waaqayyoo
Qulqulluu Biyya Itoophiyaa
Qulqulluu Biyya Itoophiyaa