Nuti garuu Kiristoos isa fannifame ni lallabna.
Qoroonxoos Isa Duraa 1:23
Amantaan tokkicha, cuuphaanis Gooftaanis tokkicha.
Efesoon 4:4-5
Koottaa waliin haa imallu!
Namni iddoo ni qulqulleessa, iddoonis nama ni qulqulleessa!
Previous
Next

Sagantaawwan Waldaa Keenyaa

Yaa'ii Ji'aa

Waldaan keenya jiini seenee Dilbata isa jalqabaarratti yaa’ii ji’a ji’aan ni qopheessa. Yaa’ii kanarrattis sagantaawwan dhiyaatan; lallaba wangeelaa, faarfannnaa fi hogbarruuwwan adda addaa ni dhiyaatu. Sagantawwan kunneen kan gaggeeffaman Afaan Oromoon yommuu ta’u, amantootni Finfinnee keessa jirtaatanii Afaan Oromoon waa’ee amantaa isaanii afaan beekaniin akka baraniif carraa guddaa baneefiira.

Imala gara Kawaalotaa

Waldaan duuka bu’ootaa yeroo adda addaatti miseensota waldichaa fi deeggartoota akkasumas kiristaanota gurmeessuun kawaalota iddoo adda addaa jiran akka do’ataniif sagantaa imalaa ni qopheessa. Kunis amantootni eebba iddoo qulqulluu sanarraa akka argatan, waa’ee amantaa isaanii fi qabsuura qulqullootaas jireenya isaaniirraa akka barataniif gahee guddaa qaba.

Kadhannaa

Hojii afuurawaa keessatti kadhannaan isa jalqabaatis isa dhumaatis. Kiristaanni kamiyyuu jireenya afuuraa isaatti cimuu fi jabaatee akka dhaabatuuf kadhachuu qaba, akkuma macaafni qulqulluun “gara qorumsaatti akka hin galleef jabaadhaa kadhadhaa” jedhu. Keessumaa immoo namni tajaajilu kadhannaatti cimuu qaba. Kanaafuu waldaan keenya torbanitti guyyaa tokko Roobii sa’a 12 booda sagantaa kadhannaa waliinii qaba.

Teessoo Waldaa Keenyaa

Copyright © 2021 – Waldaa Duuka Bu’ootaa