Namni kamiyyuu sababa afaaniin akka hin badneef afaan dhagayuun wangeela barsiisuu.
Iddoowwan filatamanitti kiristaanotni barumsa Wangeelaa akka barataniif yaa'iiwwan qopheessuu.
Barsiisota wangeelaaf godinoota hundarraa walitti fiduun leenjii kennuu fi muuxannoo isaanii akka wal jijjiiran gochuu.
Yeroo garaa garaatti miseensotaa fi kiristaanota kaan gara iddoowwan eebbifamoo fi kawaalotaatti imalchisuun eebba iddoo sanaa irraa akka argatan taasisuu.
Kitaabota afuurawoo ta'a afaanota adda addaa irraa gara Afaan Oromootti hiikuun namootaaf akka ga'an taasisuu.
Jiini seenee Sanbata Guddaa isa jalqabaarratti sagantaan dhaabbataan jira.